Waliin gahiinsa tajaajila karoora maatii taasisuun du’aatii haadholiifi daa’immanii harka 30 hanga 40 hir’isuun ni danda'ama.

217

Waxabajjii 05/2014(TOI) – Waliin gahiinsa tajaajila karoora maatii taasisuun du’aatii haadholiifi daa’immanii harka 30 hanga 40 hir’isuun kan danda’amu ta’uu Ministeera Fayyaa beeksise.

Waliin gahiinsa tajaajila karoora maatii ilaalchisuun Magaalaa Dirree Dhawaatti mari’atameera.

Deetaan Ministira Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa, Itiyoophiyaatti waggaa waggaan daa’imman miiliyoona 3.1 hanga 3.5 kan dhalatan ta’uu himuun, diinagdeen dhaloota haaraa kanaaf ta’uu hin ijaaramne jedhan.

Lakkoofsa maatii madaalawaan akka jiraatu taasisuun, biyya misoomte ijaaruun humna oomishaa uumuun ni dandama jedhan.
Ogeeyyiin fayyaa qulqullina tajaajillichaa guddisuuf kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.

Kantibaan Magaalaa Dirree Dhawaa Kadir Juhaar gama isaaniin, bulchiinsi magaalichaa tajaajila karoora maatii waliingahuuf deeggarsa faayinaansi barbaachisuu taasisa jiraachuu himaniru.

Du’aatiin haadholii waggaa waggaan galmaa’uu hir’achaa deemus ammaas haadholii kuma 100 keessaa haadholiin 401 du’aatii da’umsa duraafi boodaaf kan saaxilaman ta’uu ragaan Ministeera Fayyaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015