Bulchiinsi magaalichaa jiraattota naannawaa sodaa balaa lolaa qabanitti argaman hubachiise.

79

Waxabajjii 04/2014(TOI) - Bulchiinsi magaalichaa jiraattota naannawaa sodaa balaa lolaa qabanitti argaman hubachiise.

Bulchiinsi Magaalaa Finfnnee Gannaa baranaan walqabatee, jiraattota naannawaa sodaan balaa lolaa umamuu maluutti argaman gamanumaa eeggannoo barbaachisaa akka taasisan waamichaa dhiyeesseera.

Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii bulchiinsa magaalichaa dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, Magaalaan Finfinnee magaalaa balaawwan umamaa fi namtolcheef saaxilamtuu ta’uu eereera.

Jijjiirama qabeenyaa qilleensaa hordofee balaawwan umamuu malaniif,of eeggannoo dursaa taasifamuu akka qaban hubachiisuun, barootaa darbanitti balaa lolaa, sigigaachuu lafaa mudachuu yaadachiiseera.

Magaalicha naannawaa qarqaraa laggeeniii, lafa dhooqaa fi naannawaa gaarreenitti jiraattota argaman, balaa lolaa fi sigigaachuu lafaaf saxilamoo waan ta’aniif, of eeggannoo duraa akka taasisan bulchinsi magaalichaa hubachiseera.

Mudannoo barootaa darbanirraa ka’uun, bulchiinsi magaalichaa Gannaa dhufaa jiru miidhaan qabeenyaa fi lubbuu namaarra akka hin geenyeef naannawaa sodaan balaa lolaa jiru addaa baasuu ibseera.

Kutaalee magaalichaa hundatti qorannoo gaggeeffameen naannawaa 161 sodaa balaa kan qaban ta’uu eeruun, kanneen keessaa naannawaan 61 sodaa balaa lolaaf saaxilamoo ta’uu ibseera.

Kanaaf, jiraattota naannawaa sodaan balaa lolaa umamuu malutti argaman gamanumaa eeggannoo barbaachisaa akka taasisan dhaaman.

Sodaa balaa kana hir’isuufis, bulchiinsi magaalichaa, ijaarsawwan balaa lolaa hir’isan hojjechuu, hojiilee biqiltuu dhaabuu, bo’ii fi ujummoo lolaa qulqulleessuufaa gaggeessaa turuu himeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015