Obbo Dammaqaan Ambaasaaddaroota Gamtaa Awurooppaaf ibsa kennan

Waxabajjii 4/2014 (TOI) – Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Ambaasaaddaroota Koree Siyaasaa fi Nageenyaa Gamtaa Awurooppaa teessoon isaanii Biraasalsiif ibsa kennan.

Jila gamtichaa Ambaasaaddar Roolaandi Koobiiniin durfamuuf ibsi kennames dhimma deeggarsa namoomaa, walitti bu’iinsaa kutaa Kaabaa biyyattiitti mudatee fi filmaataa nageenyaa mootummaan dhiyeesse, sarbama mirga namoomaa kannee raawwatan ittigaafatamtoota taasisuu fi marii biyyaalessaarratti kan xiyyeeffateedha jedhameera.

Dabalataanis Gamtaan Awurooppaa deeggarsa gama maraan Ityoophiyaatti taasisaa jiru dinqisiifatanii, hariiroo gama lameenii haala fooyyessuun danda’amurratti walta’iinsa akka barbaachisu obbo dammaqaan himaniiru.

Ambaasaaddaroota Koree Siyaasaa fi Nageenyaa Gamtaa Awurooppaa teessoon isaanii Biraasalsis, ibsa kennameef irratti gaffii kan dhiyeessan yoo ta’u Obbo Dammaqaa fi Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos deebii bal’aa kennaniiruu.

Ambaasaddaroonni Gamtaa Awurooppaa kunneen Dura Taa’aa koreechaa Deelpiin Piroonkin dabalatee miseensota 40 ol kan hammate ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015