Waajjirri Giifti Duree Godina Guraagee Aanaa Abashigeetti mana barnootaa sadarkaa 2ffaa ijaarsise eebbifame

45

Finfinnee, Waxabajjii 4/2014 (TOI) – Waajjirri Giifti Duree Godina Guraage Aanaa Abashigeetti manni barnootaa sadarkaa 2ffaa ijaarame har’a eebbifameera.

Mana barnootichaa Giifti Duree Zinnaasha Taayyaachoo fi Preezdaantiin Naannoo Kibbaa Obboo Ristuu Yirdaaw eebbisiisaniiru.

Manni barnootaa kun dareewwan 10, mana kitaabaa, laabiraatoorii, kilinikaa barattootaa, gamoo bulchiinsaa fi galma kan qabuudha jedhamera.

Manneen barnootaa ijaaruun qulqullina barnootaa mirkaneessuutti dabalataan barattoonni naannawaa itti dhiyeenya isaanitti akka baratan gochuun carraan harca’insaa akka hir’atu kan taasisuudha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015