Aadde Masarat Daamxeen Odiitara Olaantuu Waajjira Odiitara Olaanaa Federaalaa ta’uun muudaman

105

Waxabajjii 2/2014 (TOI) – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Yaa’ii idilee 12ffaa marsaa 6ffaa bara hojii 1ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen muudama Oditara Olaantuu fi Ittaanaa Oditara Olaanaa Waajjira Odiitara Olaanaa Federaalaa Ministira Muummee doktar Abiy Ahimadiin dhiyaatan sagalee guutuun raggaaseera.

Haluma kanaan aadde Masarat Daamxee Caanniyaalaw Odiitara Olaantuu Waajjira Odiitara Olaanaa Federaalaa, Obbo Abarraa Taaddasaa Itichaa ammoo Itti aanaa Odiitara olaanaa ta’uun muudamaniiru.

Mudamtoonni kunneen miseensota mana marichaa duratti dhiyaachuun waadaa galuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015