Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee guyyaa boruu irraa eegalee hojiirra kan oolu foyya’insa taarifaa tajaajila geejjibaa taasisuu beeksise. - ENA Afaan Oromoo
Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee guyyaa boruu irraa eegalee hojiirra kan oolu foyya’insa taarifaa tajaajila geejjibaa taasisuu beeksise.

Caamsaa 30,2014(TOI) - Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee guyyaa boruu irraa eegalee hojiirra kan oolu foyya’insa taarifaa tajaajila geejjibaa taasisuu beeksiseera.
Foyya’insi taarifaa kan taasifamus dabaluu gatii bobba’aa idil-addunyaa bu’uura taasisuun akka ta’es himameera.
Haaluma kanaan konkolaatoota tajaajila geejibaa kennaan Miidbaasii fi Minibaasiirratti jijjiramnii taarifaa taasifamuu Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Itti aanaa waajjira geejimaa kan ta'an obbo Hirgaaleem Birahaanee himaniiru.
Gatii boba’aa yaada keessa galchuun gatiin geejjibaa guyyaa boruu irraa eegalee dabaliinsa santima 0.50 hanga Birrii 3f santima 50 taasisuu Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Hawaasni Baatii Waaxabajjii 1 irraa eegalee qaamolee taarifa hojiira ooluun olitti gaafatan qaama ilaallatuuf akka beeksisan waamicha dhiyeesseera.