Kubaaniyaawwaan Faransaay hirmaanna Itoophiyaatti damee Albuudaarratti qaban caalaatti guddisuuf qindoominaan hojjetamaa jira.

110

Caamsaa 29/2014(TOI) - Kubaaniyaawwaan Faransaay hirmaanna Itoophiyaatti damee Albuudaarratti qaban caalaatti guddisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Itoophiyaatti ambaasaaddarri Faransaay Reemii Mareeshoo himan.

Itoophiyaafi Gamtaa Afrikaatti ambaasaaddara Faransaay kan ta'an Reemiis Mareeshoo akka TOItti himanitti, Kubaaniyaawwan Faransaay Itoophiyaatti hojii ji'ootarmaliirraa anniisaa maddisiisuurratti bobba'aniiru.

Yeroo dhihoottis Pirojeektii Ji'ootarmaliirra humna Elektirikii maddisiisuu dandeesisu hundeessuuf waliigaltee mallatteessuu isaanii himaniiru.

Hojiirra oolmaa Pirojeektii kanaafis ministeera Albuudaa waliin hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Haaluma kanaan Fandiin Investimantii Faransaay Ji'ootarmaaliirra humna meeggawaatii 150 maddisiisuuf waliigaltee taasiseera.

Gara fuula duraattis qabeenyaa Albuudaa gabbataa Itoophiyaan qabdu misoomsuuf Kubaaniyaawwan Faransaay caalaatti akka irratti hirmaatan ni hojjennas jedhaniiru.

Galariin Albuudaa ministeerri Albuudaa dhiheenya qindeessee uummataf banaa taasisees milkaa'ina damee kanaaf gahee guddaa qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015