Weerara hoomaa Awwaannisaa Afrikaa bahaatti mudatee karaa milkaa'ina qabuun tochuun danda'amuun himamee.

90

Caamsaa 29/2014(TOI) - Weerara hoomaa Awwaannisaa biyyoota gaanfa Afrikaatti mudatee ture karaa milkaa'a ta'een to'achuun akka danda'ame Yuuniseef beeksise.

Kana kan himanis Yuuniseefitti daareektara Afrikaa bahaafi Afrikaa kibbaa kan ta'an Mohaamad Fiilidha.

Kunis hongee qaxanaa kanatti mudate irraa damdamachuuf hojii hojjetamuuf tarkaanfii guddadha jedhaniiru.

Qaamoleen dhimmi ilaallatu kayyoo walfakatuuf yeroo sirritti waliin ta'anii yoo hojjetan rakkoo keessa darbuun akka danda'amu daarektarichi himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015