Dhaabbatichi Itoophiyaa Kaabaatti qonnaan bultoota sababa walitti bu’iinsaan miidhaman kuma 600 fi kuma 20 ta’niif galteewwan qonnaa gara garaa dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.

98

Caamsa 28/2014(TOI) - Dhaabbanni Qonnaa fi Nyaata Addunyaa, Itoophiyaa Kaabaatti qonnaan bultoota sababa walitti bu’iinsaan miidhaman kuma 600 fi kuma 20 ta’niif galteewwan qonnaa gara garaa dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.

Dhaabbatichatti, bakka bu’aan Gamtaa Afrikaa fi Afrikaa Bahaa Chiimiimiibaa Deeviid Firii Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti, dhaabbatichi Mootummaa Itoophiyaa deeggaruuf kutannoo qaba jedhan.

Keessattuu lammiilee Kaaba Itoophiyaa keessatti sababa waraanaan rakkoo gara garaaf saaxilaman deebisanii dhaabuuf, carraaqqii Mootummaan Itoophiyaa taasisaa jiru deeggaruuf Ministeera Qonnaa fi qooda fudhattoota waliin hojjechaa jiraachuu himan.

Hojii hanga ammaatti hojjetameenis, Naannoo Tigraayitti qonnaan bultoota kuma 200 fi kuma 30 ta’aniif, sanyii filatamaan meetirik Toonii 400 qaqqabuusaa himaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Naannoo Amaaraattis, sanyii filatamaan Meetirik Toonii kuma 100 fi Naannoo Afffaaritti immoo sanyii filatamaan meetirik Tooniin kuma 4 qonnaan bultootaaf ergamuu himaniiru.

Yeroo ammaas xaa’oo biyyee Tooniin kuma 600 fi 700 adeemsa bittaa irra waan jiuuf, torban muraasa keessatti qonnaan bultoota bira ni gaha jedhaniiru.

Dabalatanis dhukkuboota beelladota ittisuuf talaalliiwwan kan dhiheessan ta’uus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015