Weerara gareen shororkeessaa ABUT raawwatee ture Miseensoonni Poolisii Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin ta'uu injifannoo boonsas galmeessaniiru.

62

Caamsaa 28/2014(TOI) - Weerara gareen shororkeessaa ABUT raawwatee ture Miseensoonni Poolisii Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin ta'uu injifannoo boonsas galmeessaniiru.

Sagantaan beekamtii kennuu fi galateeffannaa hoggantoota fi miseensota Poolisii magaalaa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffameera.

Sagantichi mata duree “tokkummaan biyya keenyaa fi nageenyi uummata keenyaa Wareegama keenyaan mirkanaa’a” jedhuun gaggeeffame.

Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Komishinar Dammallaash Gabramikaa’el sirna kanarratti akka jedhanitti erga hundaa'ee waggaa 80 kan lakkoofsisee dhaabbanni Poolisii Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin ta'uun birmadummaa biyyaa kabachiisuu keessatti gahee olaanaa bahuun injifannoo boonsaa galmeessera.

Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa rifoormii dhaabbatummaa taasiseen Afrikaarra dhaabbata dursaa kannisa taasisu meeshaalee hidhannoo tekinolojii hidhachaa jiras jedhaniiru. Humna qorannoo yakkaa qabus caalaatti cimsachuu himaniiru.

Dhaabbatichi caalaatti dirqama isaa akka bahuuf sagantaan beekkamtii kennuufi galataa kun gahee olaanaa waan qabuuf guyyaan poolisii kan waggaa qophaa'uus himaniiru

Sagantaan kun naannoottis kan raawwatamu ta'uu himaniiru.

Saganticharratti Muummee Ministiraa doktar Abiy Ahimad dabalatee Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Komishinar Dammallaash Gabramikaa’el, hoggantoonni olaanoon mootummaa, qaamoleen dhimmi ilaallatuu fi keessummoonni kabajaa argamaniiru.

Sagantaa kanarratti dhaabbileen Poolisii Komoros, Tanzaaniyaa, Jibutii, Sudaan kibbaa, Keeniyaafi ajajni dhaabbata poolisii Afrikaa bahaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015