Aanaa Laastaatti shakkamtoonni garee shororkeessaa ABUTttif birrii kuma 800 dabarsuuf turan to'ataman.

70

Caamsaa 25/2014(TOI) - Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kaabaa Aanaa Laastatti Shakkamtoonni 11, Birrii Kuma 800 garee Shororkeessaa TPLF’f dabarsuuf yaalaa turan to’annoo jala ooluu Poolisiin beeksise.

Itti gaafatamaa Waajjira poolisii aanichaa Komaander Tagany Warquu TOI akka himanitti kaaraa seeraan alaatii maallaqa callaa garee shororkeessaaf dabarsuuf kanneen yaalii taasisaan xiyyeeffannaa hordomaa jiraachuu himaniiru.

Eeruu uumataarra Poolisii qaqqabeen guyyaa 3 keessaatti poolisiin hordoffii taasiseen shakkamtoota maallaqa callaa birrii kuma 804 fi 260 garee ABUT dabarsuuf yaalaa turan to'annoo jala oolchuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015