Godina shawa lixaatti qonna gannaa bara kanaan lafti heektarri kuma 613 ol misoomuuf jira.

155

Caamsaa 24/2014(TOI) - Godina shawaa Lixaatti qonna gannaa bara kanaan lafa heekatara kuma 613 irratti oomishaalee adda addaa oomishamuuf qophiin taasifama jiraachuu Waajjirri qonnaa godinicha beeksiseera.

Haga ammaattis hojii qonnaa hojjetameen lafti heekatarri kuma 456fi 939 qotamee, lafa heektara kuma 82fi 332 irraa boqqoolloo,Mishingaafi Nuugiin faca'eera.

Ogeessii misooma midhaanii Waajjirichaa obbo Balaay Baqqalaa akka himanitti, bara oomishaa 2014/2015tti lafa heekatara kuma 613fi 417 irratti oomishaalee adda addaa oomishuuf hojjetamaa jira.

Bara oomisha kana lafa misoomuu kanarraas oomisha kumataalaa miiliyoona 20 walitti qabuuf hojjetama jira.

Kunis kan bara darbeen yoo madaalamuu kumtaalaa kuma 412fi 903 caalamaa qaba jedhaniru.

Lafa oomishinnii qonnaa bara kana irratti oomishamu keessaa heekataarri kuma 451fi 549 kilaasteraan kan misoomu yoo ta'u himuun kunis akka milkaa'uuf ogeeyyiin qonnaa qonnaan bultootaaf leenjii hubannoo cimsu kennuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015