''Qaamni seeraan ala ta'ee socho'u kamiyyuu seera jalaa dhokachuu hin danda'u''

80

Caamsaa 24/2014(TOI) - ''Qaamni seeraan ala ta'ee socho'u kamiyyuu seera jalaa dhokachuu akka dandeenyaa hogganaan Biiroo dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Amahaaraa obbo Gizaachoo Mulunee himan.

Obbo Gizaachoon haala waqtaawwa ilaalchisuun har'a miidiyaaf ibsa laataniiru.Ibsa isaaniinis Naannoo Amahaaraatti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetamaa jiruun hojiin milkaa'aa fi shiraa diinaa fashaleesse hojjetameera jedhaniiru.

Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannichatti hojjetameen shakkamtoonni naannoo Amahaaraafi Itoophiyaa diiguuf socho'an to'annaa seeraa jala ooluu himaniiru.

Kanneen keessa kanneen humana nageenyaa Mootummaa keessaa dhokatanii jiran,kanneen diinarra ergama fudhatanii mandheen ijaaramanii socho'aa turan, ajjeessaa lubbuun kanneen barbaadaman, karaa miidiyaa hawaasummaa gochaa uummataafi uummata walitti buusu kanneen raawwachuun shakkaman keessatti argamu jedhaniirui.

Duulli kun qaamni seeraan ala ta'ee socho'u kamiyyuu seera jalaa dhokachuu hin dandeenyee kan mul'isedha jedhaniiru.

Duula olaantummaa seeraa kanaan naannichaatti nagaa waaraa kan fooyyee qabu uumuun danda'amuu himaniiru.

Duulli kun kan itti fufu ta'uu kan himan obbo Gizaachoon uummanni akkum kanaan duraa milkaa'ina duulichaaf deeggarsa barbaachisu akka taasisu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015