Dorgommiin Olompikii Dargaggootaa Biyyaaleessaa jalqabaa magaalaa Hawaasaatti har'a eegale. - ENA Afaan Oromoo
Dorgommiin Olompikii Dargaggootaa Biyyaaleessaa jalqabaa magaalaa Hawaasaatti har'a eegale.

Caamsaa 21/2014(TOI) - Dorgommiin Olompikii Dargaggootaa Biyyaaleessaa jalqabaa qopheessummaa Naannoo Sidaamaan Magaalaa Hawaasaatti har’a eegale.
Dorgommiin Olompikii Dragaggootaa kun guyyoota 15’f kan turu yoo ta’uu, naannoolee hundarraafi bulchiinsa magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa irraa isporteessitoonni kuma 4 gosoota ispoortii adda addaa 15’n irratti ni hirmaatu jedhameera.
Sirna kanarratti Af- Yaa’ii Mana Maree Federeshinii obbo Aganyahu Tashaagar, Pireezidantii Mootummaa Naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Ledaamoo, Komishinara Komishinii Olompikii Atileetiksii Polteer Gaat akkasumas hoggansi federaalaafi naannoolee argamaniru.