Qorannoon bu'aa qabeessuummaa pirojeektoota jallisii 23 kan birrii miiliyoona 520 hojjetamanii taasifamaa jira.

104

Caamsaa 16/20149TOI) - Qorannoon bu'aa qabeessuummaafi dizaayinii pirojeektoota jallisii 23 kan birrii miiliyoona 520 mootummaan ramadeen hojjetamanii taasifamaa jiraachuu Minsteerri Jallisiifi naannawwaa Gammoojji beeksise.

Mootummaan karoora midhaan nyaatan of danda'uu qabamee jiru milkeessuuf hojiiwwan adda addaa hojjechaa jira.

Bara kana qofa hojii misooma jallisii bonaan Qamadii lafa heektaara hedduurratti misoomsaa jira.

Oomishaa kanarraas miidhaan kumataala miiliyoona 25 kan eegamuu yoo ta'u, kana caalaatti cimsuuf bara dhufuuf immoo hidhaawwan misoomaa jallisiif oolaan hedduu hojechaa jiraachuu ministeerri Jallisiifi naannawwaa Gammoojii beeksisera.

Ministeerichatti daarektarri qorannoofi dizaayinii Injineer Ingidaachoo Zarihuun TOI tti akka himaniitti mootummaan galmawwaan hojii misooma jallisiin qabate milkeesuuf hojii baay'ee hojjechaa jira.

Pirojeektoota kanaan dura jalqabaman xumuruun cinaatti, qorannoofi dizaayiniin piroojetoota misooma jallisii haaraa hojjetamaa jirachuu himaniiru.

Bara bajataa 2014 birrii miiliyoona 520 ramaduun pirojeektoota 23 irratti qorannoo bu'a qabeesuummafi dizaayinii akka taasifame himaniiru.

Qorannoon dizaayinii kanneen irratti taasifmees pirojeetoota hidha gurguddaafi jiddugaleessa ta'an akkasuma laga jallisuu kan of keessaa qabanidha jedhaniiru.

Pirojeektoonni kunneen argamaniis naannoolee hundaa keessaatti ta'uu eeraniiru.

Pirojeektoota qorannoo dizaayiniifi bu'a qabeesuummaa irratti taasifame keessaa muraasni sababa rakkoo nageenyaan hojiin isaanii duubatti harkifataniis hanga danda'ametti yeroo qabameef keessatti akka xumuramaniif hojjetamaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015