Doktar Abiy Ahimad namoota Dhiibbaa uumaan 100 keessaa tokko ta'uun filataman - ENA Afaan Oromoo
Doktar Abiy Ahimad namoota Dhiibbaa uumaan 100 keessaa tokko ta'uun filataman
Caamsaa 15/2014 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI doktsr Abiy Ahimad namoota bara faranjootaa 2022 dhiibbaa uumaan 100 keessaa tokko ta'uun Barruu Taayimsiin filatamaniiru.
Akka barruun kanaatti , tarree namoota dhuunfaa dhiibbaa uumaan 100 keessaa Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad damee hoggansa keessatti hammatamaniiru.
Doktar Abiy Ahimad maxxansa bara 2019 irrattis namoota barruu kanaa irratti dhiibbaa guddaa uumaan jechuun filataman keessaa tokko turan.
Pireezidaantii Ameerikaa Joo Baayidan, Pireezidaantii Chaayinaa Zhii Jiinpiing, Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin, Pireezidaantii Yukreen Voloodmiir Zeleniskii, Pireezidaantini Taanzaaniyaa Saamiyaa Suhuuluufi Pireezidaantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursuulaa Voon Dar Laayin, barruu Ameerikaa Taayimsi kanaan dureewwan dhiibbaa uumtota ta’an 100 keessatti kanneen tarreeffamaniidha.