Ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoo akkataa bunni Itoophiyaa gabaa Aljeeriyaaf dhihaachuu danda'urratti mari'atan.

78

Caamsaa 15/2014(TOI) - Aljeeriyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Nabiyaat Geetaachoo, akkaataa Buna Itoophiyaa gabaa Aljeeriyaatti dhiyeessuun danda’amurratti hoggantoota dhaabbata dhiyeessii bunaa beekamaa biyyattii ‘Feenek Koofii’ waliin mari’atan.

Marii isaanii kanaanis Buna Itoophiyaa dhandhama addaa qabu kallattiidhaan gara gabaa Aljeeriyaatti dhiyeessuuf marii’ataniiru.

Itoophiyaan waggoota 10’n darbanitti seenaa ishee keessatti yeroo jalqabaatiif bara kana buna gabaa alaatti ergame irraa galii Doolaara biiliyoona 1 ol argachuun ishee kan yaadatamudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015