Gamtaan Afriikaa Waraanni Sudaan Aangoo Ce'umsaa Guyyaa 15 keessatti Bulchiinsa Siviiliif Dabarsee Akka Kennu Beeksise

74

Ebla 8/2011Gamtaan Afriikaa Waraanni Sudaan aangoo ce'umsaa guyyaa 15 keessatti bulchiinsa Siviiliif dabarsee akka kennuu beeksiseera.

Gamtichi akka jedhetti manni maree Ce'umsa Raayyaa Ittisaa Sudaan kana yoo hin raawwanne Gamticharraa qoqqobbiin akka irra gahu hubachiiseera.

Manni Maree Nageenya Gamtaa Afriikaa waltajjii Finfinneetti gaggeesseen ce'umsi Raayyaa Ittisaan hogganamu fedhii ummata Sudaan waliin guutummaa guutuutti kan wal faalleessudha jedheera.

Kana ta’uurraan kan ka’e torbee lama keessatti aangoo dabarsuu akka qabu manni maree nageenyaa Gamtichaa himuusaa BBC waabeffachuun OBN gabaaseera.
Madda:OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015