Koolleejjiin War Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI ogeesoota 38 marsaa jalqabaaf damee adda addaan barsiisaa ture eebbisiise.

Caamsaa 13/2014(TOI) - Koolleejjiin War Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI ogeesoota 38 marsaa jalqabaaf damee adda addaan barsiisaa ture eebbisiise.

Eebba kanarratti kan argaman Ajajaan Waliigalaa Humnoota Waraanaafi Ministiirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Raayyaan Ittisa Biyyaa waggootaan dura balaawwan itti aggaamamanii turan qolachuun Sadarkaa olaanaan gahumsa itti biyya eegu ijaarratee jira jedhan.

Raayyaan ittisaa ergamni isaa inni olaanaafi jalqabaa Itoophiyaa itti fufsiisuudhas jedhas jedhaniiru.

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad eebba kanarratti ergaa dabarsaniin,''Eebbifamtoonni har'a eebbifamatan beekumsa keessaan caalaatti gabbifachuu itti fufa. Beekumsaafi ogummaa horattaan warra kaaniifis qoodaa'' jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015