Magaalaa Dirre Dawaatti agarsiifnii suuraa injifannoo Itoophiyaan kallatti adda addaan galmeesiftee muli'isuu fi Maariin Paanaalii geggeeffama jira.

119

Caamsaa 13/2014(TOI) - Magaalaa Dirre Dawaatti agarsiifnii suuraa injifannoo Itoophiyaan kallatti adda addaan galmeesiftee muli'isuu fi Maariin Paanaalii geggeeffama jira.

Mariifi agarsiifni kun mata duree ''Itoophiyaaf jecha'' jedhuun geggeeffama kan jiru yoo ta'u kan qopheesesi Dhaabbata Pireesii Itoophiyaati jedhameera.

Kanaan duras agarsiifniifi maariin paanaalii walfakkaatu magaalaa Jijjigaatti geggeeffamee kan ture yoo ta'u, kan magaalaa Dirree Dawaatti qophaa'e kun isa lammataadha jedhameera.

Agarsiisaafi maarii Paanaalii kana irratti Kantiibaan magaalaa Dirree Dawaa obbo Kadir Jaawar, Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shidee, Ministirri Indastirii obbo Malaakuu Alebal fi hoggantoonni mootumma biroon argamaniiru.

Agarsiifnii suuraa kun suuraawwan bara 1960 irraa haga jijjirama haara Itoophiyaan abdiirra kaawwattee jiruttu muli'isuu dha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015