Qulqullinni kenniinsa tajaajilaa dhaabbilee Siviil Sarvisii keessatti kannamuu qaama bilisaan madaalamuu akka qabu ibsame

206

Caamsaa 11/2014 (TOI) – Qulqullinni kenniinsa tajaajilaa dhaabbilee Siviil Sarvisii keessatti kannamuu qaama bilisaan madaalamuu akka qabu Komishiniin Siviil Sarvisii Federaalaa beeksiseera.

Komishiniin Siviil Sarvisii Federaalaa fi Dhaabbannni Badhaasa Qulqullinaa Itoophiyaa dhimmoota garaagaraarratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.

Waliigalticha Itti aantuun Komishinaraa Komishinii Siviil Sarvisii Federaalaa aadde Simmany Wubee fi Hojii raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbata Badhaasa Qulqullinaa Itoophiyaa Obbo Teewodiroos Mabiraatuun mallatteessaniiru.

Komishinichi manneen hojii mootummaa keessatti tajaajila qulqulluu, saffisaa fi dhaqabummaa qabu lammiileef kennuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu, Aadde Simmany Wubee eeraniiru.

Qulqullinni kenniinsa tajaajilaa dhaabbilee Siviil Sarvisii keessatti kennamu qaama bilisaan madaalamee mirkanaa’uu akka qabus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015