Hawaasni Idil Addunyaa qophii gareen shororkeessaa ABUT irra deebiin waraanaaf taasisaa jiru ifatti akka balaaleffachuu qaba.

55

Caamsaa 10/2014(TOI) - Ministeerri dhimma alaa hawaasni Idil Addunyaa qophii gareen shororkeessaa ABUT irra deebiin waraanaaf taasisaa jiru ifatti akka balaaleffatu waamicha dhiheesse.

Dhaabbileen Miidiyaa Idil Addunyaa fi gaazexeessitoonni, gareen shororkeessaa ABUT naannoo Tigiraayitti daa’immanii hanga maguddootaatti dirqamaan waraanaaf sosochoosaa akka jiru saaxilaa jiraachuu ministeerrichi himaeera.

Dubbii Himaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii Tajaajila Oduu Itoophiyaa waliin turtii taasisaniin akka himanitti, Itoophiyaan ejjennoo nageenyaaf qabdu gochaan mul’isaa jiraachuushee hawaasni Idil Addunyaa akka hubatuuf hojiileen garagaraa hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Keessattuu rakkoolee itti fufiinsaan hiikuuf komishiniin marii biyyaalessaa hundaa’uu, deeggarsa namoomaaf jecha dhukaasa dhaabuu fi deeggarsi namoomaa naannoo Tigiraayi akka seenuuf tarkaanfilee mootummaan fudhate hawaasa Idil Addunyaaf hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Haa ta’u malee gareen shororkeessaa ABUT waraana irra deebiif qophaa’aa jiraachuusaa hawaasni Idil Addunyaa balaaleffachuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015