Inistiyuutiin Qorannoo Qonna Itoophiyaa Naannoo Amahaaraa ,Godina Walloo Kibbaa, Aanaa Warra Iluutti Giddugala Qorannoo Qonnaa 23ffaa, Birrii miiliyoona 500 ijaaruuf dhagaa bu’uura kaa’e.

181

Caamsaa 9/2014(TOI) -Inistiyuutiin Qorannoo Qonna Itoophiyaa Naannoo Amahaaraa ,Godina Walloo Kibbaa, Aanaa Warra Iluutti Giddugala Qorannoo Qonnaa 23ffaa, Birrii miiliyoona 500 ijaaruuf dhagaa bu’uura kaa’e.

Dhagaa bu’uuraa kanas Ministiira Qonnaa Obbo Umar Huseen kaa'aniiru.

Daarikterri Itti Aanaa Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa Dr. Chiloot Yirgaa, ijaarsa guddugaleessichaa waggoota shan keessatti xumuruuf deeggarsaa fi hordoffiin ni taasifama jedhaniiru.

Giddugalichi beelladoota, Kuduraa fi muduraa dabalatee, dhimmoota qonnaan wal qabatan kanneen biroo irratti qorannoo gaggeessuun oomishitummaa guddisuuf haala dandeessisuun kan ijaaramu ta’uus himaniiru.

Ijaarsa giddugalichaaf dhagaa bu’uuraa kan ka’an Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen gama isaaniitiin, giddugaleessota qorannoo qonnaa babal’isuun hiyyummaa fi eeggatummaa jalaa bahuuf hojjetamaa jira jedhan.

Qonna ammayyeessuun qorannoo fi qo’annoo cimsuun oomishitummaa guddisuun akka barbaachiisus himaniiru.

Giddugalichi yeroo qabame keessatti qulqullinaan xumuramee hojii akka eegaluuf manni hojii isaanii gahee isaa ni bahata jedhaniiru.

Sadrakaa Pireezidaantii Itti aanaatti, Qindeessituun Kilaastara Dinagdee Mootummaa Naannoo Amaaraa Aadde Aynaalam Nugusee, giddugalichi xumuramee hojii akka eegaluuf hundinuu gahee irraa eeggamu bahuu akka qabu dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015