Ertiriyaa waliin faayidalee waloo bu’uura godhachuun waliin hojjechaa jirra.

Caamsaa 9/2014 (TOI) – Itti anaan Ministira muummeefi Ministirri Dhimma alaa obboo Dammaqaa Mokonniin Ertiriyaa waliin fedhii waloo bu’uura godhachuun tumsaan waliin hojjechaa jirra jedhan.

Obbo Dammaqaan, Itoophiyaan biyyoota olla waliin hariiroo gaarii qabaachuu gabaasa raawwii karoora baatiwwan 9 darbanii Ministeera Dhimma Alaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyeesan irratti eeraniiru.

Ertiriyaa waliinis faayidaale waloo buureffachuun tumsaan waliin hojjechaa jiraachuu eeruun, hariiroo biyyoota lameenii gara tumsa diinagdee cimaatti ceesisuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Walitti hidhamiinsa misoomaa fi bittaa fi gurgurtaa biyyoota olla waliin jirurrattis obbo Dammaqaan ibsa laataniiru.

Hariiroon seena qabeessi Itoophiyaa fi Keeniyaa yeroo ammaas haala gaariin itti fufee jiraachuu dubbataniiru.

Haala nageenyaa daangaa biyyoota lameenirraa, walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa akkasumas hariiroo daldalaa fi diinagdee cimsuurratti waliigalteen mallatteeffamee adeemsarra jiraachuu addeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015