Tokkummaafi nageenya biyyaa eeguu keessaatti hirmaannaan dargaggootaa murteessaadha.

165

Caamsaa 09/2014(TOI) - Hojii kallattii hundaan tokummaafi nageenya biyyaa mirkaneessuuf hojjetamu keessaatti hirmaan dargaggootaa baay'ee barbaachisaa ta'uu itti aanaan Pireezidaantii naannoo Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa doktar Injineer Nagaash Wageeshoo himan.

Doktar Injineer Nagaash dargaggootaafi hawaasa magaalaa Boongaa waliin mari'ataniiru.''Badhaadhina waliigalaaf hirmaannaa lammilee hundaa kallattiin'' mata duree jedhuun mariin geggeeffame kun haala waqtaawaafi dhimmoota naannoo fi biyyaaleessaarratti hubannoo uumuuf kaayyeeffatee kan geggeeffame ta'uu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015