Doktar Abiy Ahimad, boqochuu Pireezdaantii Emireetota Araba Gamtoomaniitti gaddi itti dhaga’amuu ibsan

89

Caamsaa 5/2014 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI Abiy Ahimad, boqochuu Pireezdaantii Emireetota Araba Gamtoomaniitti gaddi itti dhaga’amuu ibsaniiru.

Doktar Abiy Ahimad ergaa gama Tiwiitara isaaniin dabarsaniin du'aan boqochuu Pireezdaantii Emmireetoota Araba Gamtoomanii Sheek Kalifaa Bin Zaayid Al Nahyaan gaddi itti dhaga'amuu ibsaniiru.

Namni ganna 73 Sheek Kaaliif Biin Zaayid Al Naahiyaa dhibee isaan muudateef yaalamaa turaniis fayyuu waan hin dandeenyeef boqotaniiru jedhameera.

Pirezidaantichi erga bara 2004 Emereetota Arabaa Gamtoomanii pirezidaantummaan tajaajilaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015