Mootummaan Naannoo Affaar, Hawaasa Naannoo Somaaleetti hongeen miidhameef deeggarsa taasise.

81

Caamsaa 05/2014(TOI) - Mootummaan Naannoo Affaar, Hawaasa Naannoo Somaaleetti hongeen miidhameef kan oolu deeggarsa Birrii miliyoona 10 taasise.

Deeggarsichas Pireezedantiin Mootummaa Naannoo Affaar obbo Awwaal Arbaa magaalaa Jigjigaatti argamuun, Pireezedantii Mootummaa Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahammaditti kennuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Naannicharra argame ni mul’isa.

Ummanni Affaarifi Somaalee yeroo adda addaatti ummata waltumsa as gahe ta’uu kan himan Pireezedaant Awwaal Arbaa, naannoon Affaaritti yeroo ammaa weerara garee shororkeessaa TPLF’n banamen rakkoo keessa jiraatus, Ummata obbolaa isaa sababa hongeen miidhameef mootummaan naannicha deeggarsa kenneera jedhaan.

Pireezedantiin Mootummaan Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahammad naannoon Affaar lammiilee hongeen miidhamniif deeggarsa taasisuu isaaniif galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015