''Hojiileen kalaqa Saayinsii fi Teeknoloojii kaayyoo karoorfameef akka gahuuf deeggarsi faayinaansii gahaan taasifamuuf qaba '' - ENA Afaan Oromoo
''Hojiileen kalaqa Saayinsii fi Teeknoloojii kaayyoo karoorfameef akka gahuuf deeggarsi faayinaansii gahaan taasifamuuf qaba ''
Caamsaa 04/2014(TOI) - Hojiileen kalaqa Saayinsii fi Teeknoloojii kaayyoo karoorfameef akka gahuuf deeggarsi faayinaansii gahaan taasifamuuf qaba jedhan, injifattoonni waldorgoommii hojii kalaqa Tootaal Inarjii.
Injifattoota waldorgommii hojii kalaqa Tootal Inarjii marsaa 3ffaaf Magaalaa Finfinneetti sagantaan beekamtii fi badhaasa kennuu gaggeeffameera.
Badhaafamtoota keessaas, abbaan kalaqa ‘’Halleettaa Tutoors’’ jedhamu hojii kalaqa gaarii jedhamuun badhaafameera.
Abbaan Kalaqichaa fi injifataan badhaasichaa Natinaa’eel Alamayyoo yoo ta’u, hojii kalaqaa jajjabeessuuf maallaqa gahaa ramaduu fi deeggarsa kanneen biroo taasisuun akka barbaachisu himeera.
Kalaqichi qo’achiiftoota 400 ol argachuu kan danda’e ta’uus himameera. Mootummaa fi dhaabbileen kanneen biroo bu’aawwan kalaqa teeknoloojii damichaa jajjabeessuuf maallaqa gahaa ramaduun sosochoosuu fi deeggaruu akka qabnis himameera.