Konfireensiin qorannoo biyyaalessaa Yuunivarsiitii Jinkaatti geggeeffama jira.

76

Caamsaa 4/2014(TOI) - ''Hojiin qorannoofi qo'annoo ce'umsa beekumsaafi misoomaaf'' mata duree jedhuun kan qophaa'e Konfireensiin qorannoo biyyaalessaa arfaffaan Yuunivarsiitii Jinkaatti geggeeffama jitra.

Konfireensii kanarratti qorannoowwan dinagdeefi misooma hawaasaarratti xiyyeeffatan ni dhihaatus jedhameera.

Konfireensiin kun guyyoota lamaaf kan turu yoo ta'u, Ministira Aadaafi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa dabalatee hoggantoonniifi hayyoonni Yuunivarsiitii Jinkaa akkasuma hoggantoonnii naannoo kibbaa fi kanneen biroon irratti hirmaachaa jiru.

Hayyoonni Yuunivarsiitoota adda addarraa walitti dhufaan Konfireensii kanarratti waraqaa qorannoo isaanii ni dhiheessuu jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015