Doktar Abiy Ahmad hojii ijaarsa riqicha laga abbayyaa irratti ijaaramaa jiru daawwatan.

73

Caamsaa 3/2014(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahmad magaalaa Bahaardariitti hojii ijaarsa riqichafi daandii laga abbayyaa irratti ijaaramaa jiru daawwatan.

Riqichi laga Abbayyaarratti ijaarama jiru kun dheerina meetira 380, bal'inni darga isaa meetiraa 43 kan qabu yoo ta'u, daandiin immoo kilomeetira 4.7 qaba.

Ijaarsi Daandii fi riqichaa laga abbayyaarratti magaalaa Bahaardariitti ijaramaa jiru kun dhuma waggaa kanaa kan xumuramu yoo ta'u yeroo ammaa ijaarsi isaa harka 62 xumuramuu ragaan waajjira ministira Muummee irraa argame ni agarsiisa.

Doktar Abiy Ahmad ”Duula olaantummaa seeraa fi birmadummaa biyyaa kabachiisuurratti aarsaan kanfalamee tokkumaafi birmadummaa Itoophiyaafi.” mata duree jedhuun qamoolee duula olaantummaa seeraafi biramadummaa biyyaa kabachiisuu keessatti gahee isaanii bahaniif sagantaan beekamtii kennuu magaalaa Bahaardaaritti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015