Hojiin misooma indaastiriiwwan magaalaa Dirree Dawaa daawwatame.

92

Finfinnee, Caamsaa 3/2014 (TOI) – Jilli Deetaa ministira Indaastirii obbo Taarraqany Buliltaan durfamu hojii misoomaa indaastiriiwwan magaalaa Dirree Dawaa daawwateera.

Daawwannichi warshaalee sababa rakkoolee garaagaraan gara hojiitti hin galleef deeggarsa barbaachisaa taasisuun gara hojiitti galchuun oomishaa fi oomishtummaa dabaluun imala badhaadhinaa biyyattii milkeessuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.

Jilichi warshaa korojoo pilaastikaa JFJ sababa rakkoo liqaa fi kaappitaalaan baatiiwwan 6’f dhaabbatee turee fi yeroo ammaa rakkoon isaa furamuun gara hojiitti deebi’e daawwateera.

Dabalataanis jilichi sosochii hojii Warshaa Dirree Dawaa Mootars warshaa walitti hidhaa konkolaataa fi baajaajii/konkolaataa abbaa miila sadii daawwateera.

Magaalichatti warshaalee rakkoo garaagaraan hojii dhaaban haala hojiitti deebisuun danda’amurratti mari'atamuu Deetaan Ministira Indaastirii obbo Taarraqany Buliltaan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015