Dhaabbileen Mootummaa 3 galteewwan ijaarsaa oomisha biyya keessaan bakka buusuuf waliigatee mallatteessan - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbileen Mootummaa 3 galteewwan ijaarsaa oomisha biyya keessaan bakka buusuuf waliigatee mallatteessan
Finfinnee, Caamsaa 3/2014 (TOI) – Dhaabbileen Mootummaa 3 galteewwan ijaarsaa alaa galu oomisha biyya keessaan bakka buusuuf waliigatee mallatteessan
Dhaabbileen kunneenis Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa, Komishinii Invastimantii fi Ministeera Albuudaa sanada waliigaltee kana mallatteessuu ibsameera.
Waliigaltichas Ministira Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa Aadde Caaltuu Saanii, Ministira Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaa fi Komishinara Komishinii Invastimantii Aadde Lalisee Nameen mallatteessaniiru jedhame.
Kaayyoon waliigaltichaas galteewwan ijaarsaa alaa galuu kan biyya keessaan bakka buusuuf waloon hojjechuuf ta’uu ibsameera.