Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa Magaalaa Gondaritti abbootii amantaafi jiraattoota waliin mari’atamaa jira.

Caamsaa 02/2014(TOI) – Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa Magaalaa Gondaritti abbootii amantaafi jiraattoota waliin mari’atamaa jira.

Waltajjii marii kanarratti Barreessaa Olaanaan Sinoodoosi Qulqulluu Abuuna Yoseef, Pireezidaantii Mana Marii Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Muftii Hajii Umar Idiriis, Pireezidantii Waldaa Amantoota Wangeelaa Itoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoofi Barreessaa Olaanaan Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa Luba Taagaayi Taddalaa dabalatee hoggansi dhaabbilee amantaa Naannoo Amaaraafi Gamtaa Dhaabbilee Amantaa Magaalaa Gondar argamaniru.

Barreessaa Olaanaan Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa Luba Taagaayi Taddalaa, biyya amantoota kan taate Itoophiyaan eebba amantaa isheefi uummata waliin jireenyaan bu’ureeffame qabduu, diinni diiguufi balleessuuf hojjechaa jiraachuu isaaf taaten Magaalaa Gondaritti muudate agarsiiftudha jedhan.

Gochi badii kamiyyuu bu’uura amantaa hin qabne ta’uu isaan diinni akka nutti hin fayyadamne taasisuuf madda rakkinichaafi miidhaa geessise irratti mari’achuun furmaata kaahu barbaachisaa jedhaniiru. DHPI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015