"Maqaa gaariin yaadatamuufi ijoolleen keenya biyya itti hin saalfanne dhaalchisuuf gahee keenya yeroo keenyatti haa baanu"

102

Ebla 27/2014(TOI) - Pirezidaantiin FDRI Saahilewariq Zawudee maqaa gaariin yaadatamuufi ijoolleen keenya biyya itti hin saalfanne dhaalchisuuf gahee keenya yeroo keenyatti bahuu qabana jedhan.

Guyyaan goototaa 81ffaan Finfinnee bakka siidaan goototaa itti argamuu naannoo Kiiloo 4tti kabajameera.

Kabaja ayyana kanarratti gootonni abbootiinfi hoggantoonni mootummaa olaanoon, daargaggoonji, daa'immaniifi hawaasni argamaniiru.

Ayyana kanarratti argamuun ergaa kan dabarsaan pirezidaanit Saahilewariq Zawudee biyya nageenyi waaraan itti mirkanaa'e dhaloota dhaalchisuun filannoo osoo hin taane dirqama keenya jedhaniiru.

Akka biyyaatti itti fufuuf filannoon jiru nageenya waaraa fiduudhas jedhaniiru.

Iciitiin ijifannoo gootonni nu agarsiisaan gootummaa yoo ta'u akka biyyaatti immo tokkummaafi waliin dhaabachuudha waan ta'eef nun Itoophiyaanoonni wal gargaaru qabna jedhaniiru.

Itoophiyaanonni hundi mari’achuu, waliif galuu fi kallattii keenya sirreessinee waliin tarkaanfachuu qabna jedhaniiru.

Gootota wayita yaadannu biyyi keenya gootota hedduu akka horattuu fi murannoon hojjechuuf mirkaneessuutu nurra jira jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015