Humnoonni badii nageenya booressuuf sochii taasisaa jiran irra akka of qusachuu qabu.

53

Ebla 24/2014 (TOI)- Humnoonni badii nageenya biyyatti booressuuf sochii gochaa jiran irra akka of qusatan Naannoon Uummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa hubachiiseera.

Mootummaan naannichaa haala waqtaawaa biyyaarratti ibsa kenneera.

Ibsichaanis jijjiirama akka biyyaatti eegalame gareen isaan hin gammachiisnee fi faayidaan dhuunfaa kootu xuqame jechuun yaadan nageenya uummataa booressuuf halkanii fi guyyaa hojjechaa jiraachuu eereera.

Tibba kan kutaa biyyaatti gargaaraatti humnoonni badii maqaa Amantaa fi sabaa dahoo godhachuun duudhaa Ityoophiyaa karaa faalleessuun tokkummaa biyyaa fi waliin jireenya uummataa sochiileen laaffisaan mul’ataniirus jedha ibsichi.

Carraa kanatti fayyadamuun diinoonni biyya keessaafi alaa biyyatti giddugala jeequmsaa gochuuf hojjetaa jiru.

Mootummaan naannichaa gochoota humnoota badii kunneen raawwatan balaaleffateera.

Kanaanis mootummaan naannichaa sochii humnoonni badii nageenya booressuuf hojjechaa jiran gochaa isaanirraa akka of qusatan gaafateera.

Uummaanni naannoo fi biyyaa keenya sochii humnoonni badii hojjechaa jiran hubachuun qaamolee nageenya waliin hojjechuu akka qabus mootummaa naannichaa waamichaa dhiyeessuu ragaan Biiroo kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015