Obbo Dammaqaa Mokonniin Itoophiyaatti daarekatara itti wamamaa sagantaa nyaata Addunyaa waliin mari'atan.

48

Ebla 22/2014(TOI) - Itti aanaa Ministira Muummee fi Ministirri dhimma alaa FDRI Obbo Dammaqaa Mokonniin Itoophiyaatti dhiheenya kana kan muudaman daarekatara itti wamamaa sagantaa nyaata Addunyaa Kilaawud Jibidaar waliin mari'atan.

Sagantaan nyaata addunyaa Itoophiyaatti waggaa darbee hojii fooyyee qabu hojjechuu kan himan obbo Dammaqaa Mokonniin, naannoo Tigiraayitti haala baay'ee rakkisaa ta'ee keessattillee lammilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsa dhiheessaa turuun kan dinqisiifatamudha jedhaniiru.

Obbo Dammaqaan Itoophiyaa keessa yeroo ammaa sababa adda addaan lammileen miiliyoonni 20 deeggarsa namoomaa kan barbaadan ta'uu ibsuun, dhaabbilee akka Sagantaa nyaata addunyaa deeggarsa hunda galeessa ta'ee taasisuu cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Deeggarsa namoomaa naannoo Tigiraayif kennamutti dabaluun naannoo Affaarifi Amahaaraa akkasuma bakkeewwan hongeen itti umameetti deeggarsi kun haala walfakkatuun akka dhihaatu gaafataniiru.

Murtoo Mootummaan deeggarsi namooma dhorkaa tokko malee akka taasifamu dabarsee kabajaa jiraachuu himuun garee shororkeessaa ABUT garuu ammas deeggarsa namooma kun akka gufatuu yaalii gochaa jira jedhaniiru.

Dhaabbileen deeggarsaa idil addunyaas gochaa garee kana balaaleffachuu qaba jedhaniiru.

Itoophiyaatti daarekatarri itti waamama Sagantaa Nyaata addunya Kilaawud Jibidaar gama isaan ejjennoo mootummaan fudhatee jiru dinqisiifachuun gara fuula duraatti mootummaa Itoophiyaa waliin hojjechuuf kutannoon kan hojjetan ta'uu himaniiru.

Itoophiyaan rakkoo kana keessaa baatee badhaadhina fooyyee qabu uumuuf of bira dabartee ormaafuu ta'uu waan dandeessuuf mootummaa cinaa taanee rakkicha keessa darbamuu ni hojjennas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015