Paartileen siyaasaa milkaa’ina Marii Biyyaaleessaaf gahee isaani bahaachuu qabu jedhame.

56

Ebla 19/20149TOI) - Af-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Obbo Taaggasaa Caafoo adeemsa Komishiiniin Marii Biyaaleessaa hanga ammaatti taasise ilaalchisuun, Paartilee siyaasaaf ibsa kennaniiru. Komishiiniichis hanga ammaatti paartilee siyaasaa dabalatee qaamolee garagaraa waliin mari’achuu himan.

Kanaanis, komishiinichi hariiroo Mana Maree Paartilee Siyaasaa waliin qabu cimsuuf hojjechaa akka jirus eeraniiru. Wayita ammaas komishiinichi hojii isa boqonnaa afuritti qooduun hojjechaa jiraachuus Obbo Taaggasaan himan.

Dabalatanis Ministirri Haqaa Dr. Geediyoon Xiimootiyoos ,adeemsafi qophii labsii komishiiniichi taasisaa ture paartile siyaasaaf ibsa kennaniiru.

Walitti qabaan Komishiinii Marii Biyyaaleessaa Proofeesar Masfin Ari'ayyaa, hojiin Komishiiniin Marii Biyyaaleessaa akka milkaa’uuf, gaheen qaamolee hundaa murteessadha jedhan.

Keessattuu gumaachi Paartilee siyaasaa olaanaa ta’uu qabas jedhan. Kanaafis Komishiiniichi hariiroo paartilee siyaasaa waliin qabu cimsuuf, hojjechaa jiraachuu himan.

Piroofeesaaraa Masfin ,Paartileen siyaasaa milkaa’ina Marii Biyyaaleessaaf gahee isaani akka bahaatanif waamiichaa dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015