Dhaabbileen gargaarsa gaanfa Afrikaatti dhiibbaa hongee qolachuuf kan oolu deeggarsa doolaara biiliyoona 1.3 taasisuuf waada galan.

53

Ebla 19/2014(TOI) - Dhaabbileen gargaarsa idil addunyaa gaanfa Afrikaatti dhiibbaa hongee qolachuuf kan oolu deeggarsa doolaara biiliyoona 1.3 taasisuuf waada galan.

Dhaabbileen kunneen waadaa kan galan walga'ii addaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti waajjirri qindeessaa dhimmoota namoomaafi Gamataa Awuurooppaatti qindeessa tika siiviliifi deeggarsa namooma Jeneevaatti taasisaan irrattidha.

Walga'ii kanarratti Itoophiyaa, Somaaliyaafi Keeniyaan argamaniiru jedhameera.Akka gabaasa Afrikaan Biizineesitti deeggarsi maallaqaa kun biyyoota gaafa Afrikaa hongeen itti mudateetti wabii midhaan nyaataafi eegumsa Fayyaaf akkasuma nyaata beelladaaf kan ooludha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015