Biiroon Galiiwwanii magaalaa Finfinnee ji'oota 9 darbanitti galii Birrii biiliyoona 43 ol walitti qabuu beeksise

56

Ebla 18/2014 (TOI)- Biiroon Galiiwwanii bulchiinsa magaalaa Finfinnee ji'oota 9 darbanitti galii Birrii biiliyoona 43 ol walitti qabuu beeksiseera.

Biirichi raawwii hojii ji'a sagalii kan bara 2014 ilaalchisuun hojjetoota waliin mari'ateera.

Hogganaan biiroo galiiwwanii bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Mulugeetaa Tafarraa marii kanarratti akka himanitti biirichi bara baajataa 2014tti galii Birrii biiliyoona 48.5 walitti qabuuf karoorfatee hojjechaa ture.

Haaluma kanaan biirichi ji'oota salgan darbaan galii birrii biiliyoona 37.3 walitti qabuuf karoorfatee birrii biiliyoona 43.15 walitti qabuu himaniiru.

Raawwiin hojii kanaas haala karooraan yoo madalaamu harka 115 yoo ta'u kan bara darbee yeroo walfakkataan yoo madaalamu birrii biiliyoona kun caalmaa akka qabu himaniiru.

Hojii seera kabachiisuu hojjetameenis galii mootummaan dhabuuf ture birrii miiliyoona 200 hanbisuun danda'amuus himaniiru.

Biirichi toora xiyyeeffannoo isaa adda baasee hojjechuu malkaa'ina karoorichaaf gahee olaanaa bahuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015