Minstirri Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen hoggantuu dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa Saamaantaa Paawor waliin mari’atan

86

Ebla 14/2014 (TOI) – Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen hoggantuu dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa/USAID/ Saamaantaa Paawor waliin dhimmoota deeggarsa diinagdee biyyoota lameeniirratti mari’ataniiru.

Mariin isaanii Itoophiyaatti rakkoolee sababa waraanaan uumaman, naannawichatti beela uumamee fi hanqina nyaataa sababa dhiibbaa idil addunyaatiin uumaman irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.

Haala birmadummaa biyyaa, faayidaa fi fedhii uummataa kabachiiseen mootummaan hojiilee deeggarsaa, nageenya kabachiisuu fi hirmaannaa siyaasaa guddisuu hojjechaa jiraachuu obbo Ahimad Shiideen marichaan ibsaniiru.

Dabalataanis haala qabatamaa dhiyeessii deeggarsa namoomaa naannolee Affaar, Amaaraa fi Tigraay ilaalchisee ibsa taasisaniiru.

Haala dhaabbatichi naannawichatti wabii nyaataa mirkaneessuuf deeggarsi taasisu cimee itti fufuu danda’urratti mari’achuus ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015