Doktar Abiy Ahimad ayyaana Faasikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan - ENA Afaan Oromoo
Doktar Abiy Ahimad ayyaana Faasikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Ebla 15/2014 (TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad ayyaana Faasikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Doktar Abiy Ahimad Fuula miidiyaa hawaasa isaaniin akka ibsanitti hordoftoonni amantaa kiristiyaanaa martii bagaa ayyaana soomaa hiikaatin isin gahe jedhaniiru.
Faasikaa yeroo yaadannu dursa sammuu keenyaatti kan dhufuu gantummaa fi haala qabatamaa tokko malee murteessuun yeroof kan injifatee fakkaatuyyuu dhumarratti ni injifatamaa jedhaniiru.
Faasikaan Iyyasuus Kiristoos shiraa lammiilee afuriiti.
Barsiisa sagalee fi hojii dinqisiisaa Kiristoos hojjetuutti kan hin gammannee, badi Addaam malee nageenya Addaamiin kan hin barbaannee, daandiisaaniirra malee wanta kamiiniiyyu fudhachuuf feedhii kan hin qabne shirrii lammiilee 4 Faasikaadhaan fashalaa’eera.
Shirichas kan xaxee daabiloosii. Innis diina ilmaan namaa ganamaatii jedhaniiru. wanti barbadee yoo ta’e ejjennoo inni dhala namaaf qabu hin jijjiirramuu jedhaniiru erga isaaniin.
Dhalli namaa daandii badii fi doggogooraa inni barbaadurra yoo deemeef, dhalaa namaaf diina ta’uun ejjennoon isaa hin jijjiirramuu.kayyoon isaa dhala namaa balleessuu malee namaa waliin muchummaa uumuu miti.
Dhala namaa lafarraa balleessuuf kiyyoo diriirsee, deeggartoota barbaadee dhala namaa fi uumaa adda baasuun, nama waliin walitti buusuu, jireenyasaa kan dukkanaa fi gidiraa taasisuuf hojjetaa kan ture daabiloosiidha jedhan ergaa isaaniin.
Daabiloos Iyyeesuus Kiristoosiin fannisuuf ergamtoota sadii bobbaasee ture.
Ergamtoonni sadeen kunneen kana dura walii walii isaaniif kan walii hin gallee, karoora tokko karoorsuun, hojii tokko hojjechuun, kayyoo tokkoof bobba’uu hin dandeenyeedha.
Doktar Abiy Ahimad Yaa ta'uu malee Iyyeesuus Kiristoos shiira diinota kana Faasikaan injifateera jedhan ergaa dabarsaniin.
Diinoonni Ityoophiyaa balleessuuf ka’aaniis yeroof kan isaaniif milkaa’ee haa fakkatuu malee dhumni isaa kisaaraadhaa. yeroo gabaabaaf kan milkaa’ee fi kan injifataan itti fakkatuus Itoophiyaan diinootashees ni injifatti jedhaniiru.