Naannoo Amahaaraa fi Affaaritti namoota miiliyoona 2 ol deeggarsi hawaasummaa ni barbaachisa - Dhaabbata Abba gaar Itoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Amahaaraa fi Affaaritti namoota miiliyoona 2 ol deeggarsi hawaasummaa ni barbaachisa - Dhaabbata Abba gaar Itoophiyaa

Eebla 11/2014(TOI) - Naannoo Amahaaraa fi Affaar bakkeewwan gareen shororkeessaa ABUT weeraree tureetti namoota miiliyoona 2 fi kuma dhibba 4 deeggarsi hawaasummaa akka barbaachisu Dhaabbanni Abba gaar Itoophiyaan beeksiseera.
Dhaabbatichi naannoo Affaarii fi Amahaaraa hodoffii taasisaa tureen argannoo argate ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laateera.
Ibsa kanaan daarektarri kominikeeshinii Dhaabbata abbaa gaar Itoophiyaa obbo Zawuduu Wandimmuu akka himanitti naannolee kanneenitti sababa waraanaan lammileen miidhaman deebisanii dhaabuufi tajaajiloota hawaasummaa fi dinagedd mootummaan dhiheesuu qabu maal irra akka jiru qorachuu himaniiru.
Dhaabbatichi garee 4 hundeessuun naannoo Affaarii fi Amahaaraa godinaalee 9 tti qorannoon to'annoo geggeeffamuu daarekatarichi himaniiru.
Dhaabba Abba gaar Itoophiyaatti daarekatarri dhimma daa'immanii, dubartootaa fi mangudootaa aadde Qalamawariq Taarikuu qoarannoo naannoo Amahaaraatti taasifame ilaalchisuun yoo ibsan qoarnnoon kun kan taasifamee dhaabbaticha qofaan ta'uu himaniiru.
Haluma kanaan naannichaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma 855 deeggarsa hawaasuma kan barbaachisu ta'uu himaniiru.Miidhaa saalaan kanneen rakkoo xiin-sammuuf saaxilaman hedduun akka jiranis himaniiru.
Namoonni miidhaan saalaa irraa gahee kuma 1 fi 217 kan jiran yoo ta'uu umuriin isaanis daa'imma waggaa 8 hanga manguddootti jiru jedhaniiru.
Miidhaa namoomaa malees dhaabbilee amantaa. dhaabbilee mootummaa, qabeenyaa dhuunfaa fi dhaabbilee miti mootummaaras saamichiifi manca'uun qaqqabuu qorannoo isaaniin mirkaneessuu himaniiru.
Naannichatti rakkoon nageenyaa godinalee Gondor Kaabaa, Wagimiraa, Shawaa kaabaafi bakkeewwan birootti muli'atan ariitiin furamuu qabu jedhameera.
Naannoo Affaaritti sababa waraanaan lammileen kuma 645 qe'ee isaanirra bu'aa kan himan immo dhaabbatichatti daarekatara qorannoo kan ta'an obbo Adaanee Balaay dha.
Namoota kuma 6 fi 609 irra haleella qaamaa, kuma 145 irra miidhaa xiin-sammuuf kan saaxilaman ta'uu himuun manneen barnoota, manneen jireenyaafi dhaabbileen haala cimaa ta'een barbadaa'uu himaniiru.
Manneen yaalaa suphamanii gara hojiitti deebi'uun daa'imman, dubartootaafi kan humna hin qabneef tajaajila kennuu jalqabuun akka ciminaatti gabaafameera.