Doktar Abiy Ahimad harka qalleeyyii 200 waliin maaddii qooddatan

54

Eebila 10, 2014 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Ayyaana Faaskaa fi Sooma Ramadaanaa sababeeffachuun namoota harka qalleeyyii waliin maaddii qooddataniiru.

Doktar Abiy Ahimad sirna maaddii qooddachuu guyyaa har’aa Waajjira Ministira Muummeetti gaggeeffameerratti harka qalleeyyii 200f Xaafii, Zayita, Sukkaaraa, Makoroonii fi Daakuu kennaniiru.

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad yeroo rakkisaa kanatti waan qabnu walii qooduun rakkoo hunda buqqisaanii gatuuf nu gargaara jedhaniiru.

Waan qabnu walii qooduun furmaata yeroo gabaabaa yoo ta’u, qabsoo waliif qooduun ammoo muul’ata waloo yeroo dheeraan boruu gaarii uumuudha jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015