Ambaasaaddar Adam Mahaammad hogganaa Siiviil Aveeyishinii Turkii waliin mari’atan

97

Finfinnee, Eebila 7/2014 (TOI) – Turkitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Adam Mahaammad fi Turkitti Maanaajarri Eeriyaalaa Daandii Qilleensa Ityoophiyaa Faakiyaa Abdurahimaan Eeggataa Daayrektara Jeneraalaa Siivil Aveeyishinii Turkii Proofeesar Dooktar Kamaal Yeekusuuk waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin hariiroo biyyoota lameenii waggoottan 100 ol lakkoofsise haala cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Afrikaarraa daandii qilleensaa dursaa ta’uu Ambaasaaddar Adam ibsaniiru.

Daandiin qilleensichaa damee daldalaa fi invastimantiin biyyoota lameeniin ga’ee olaanaa ba’achaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Daandiiwwan qilleensaa biyyoota lameenii gidduutti bara darbe bu’uura waliigaltee mallatteeffameen dhimmoota rarra’anii hafan irratti mari’achuun gara hojiitti hiikuun barbaachisaa ta’uu fi baatii ittaanutti gara Ityoophiyaa dhufuun gitasaanii waliin kan mari’atan ta’uu Piroofeesar Dooktar Kamaal Yeekusuukiin ibsaniiru.

Daandiiwwan qilleensaa biyyoota lameenii xiyyaara kaargoo Finfinnee fi Istaanbuulitti fayyadamuuf waliigaluun kan yaadatamudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015