Daandiin qileensichaa kaffaltii tajaajilaa fi kiraa man-kuusaa deeggarsa alaa galee Birrii miiliyoona 25 haqe

90

Finfinnee, Eebila 6/2014 (TOI) – Daandiin qileensa Itoophiyaa kaffaltii tajaajilaa fi kiraa man-kuusaa deeggarsa alaa galee Birrii miiliyoona 25 haquu beeksise.

Daandiin qilleensichaa kaffaltii man-kuusaa fi tajaajilaa meeshaalee deeggarsaa Eemireetota Araba Gamtoomaniirraa gara biyyaa galanii haquu beeksiseera.

Daandiin qilleensichaa meeshaalee deeggarsaa man-kuusaa kaargoo keessatti kuufaman guyyaa har’aa Komishinii Hoggansa Sodaa Balaatti dabarsee kenneera.

Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa hojiisaan cinaatti itti gaafatamummaa hawaasummaas haalaan ba’achaa jiraachuu Hojii raawwachiisaa olaanaan garee daandii qilleensa Itoophiyaa Masfin Xaasaw ibsaniiru.

Eemreetonni Araba Gamtoomanii Ityoophiyaa bakkeewwan garaagaraatti lammiilee waraanaa fi hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaanii fi meeshaalee Kiiloo giraama kuma dhibba 1 fi kuma 14 fi 400 erguu himaniiru.

IttI aanaan Komishinara Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Ayidruus Hasan gamasaaniin, meeshaalee kanneen lammiilee deeggarsa barbaadaniif saffisaan qaqqabsiisuuf kan hojjetan ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015