Labsiin seera Itoophiyaa miidhuuf qophaa’e HR -6600 fi S-3199 akka hin raagganeef yaaliin Diyaaspoora gama hundaan ni brabaachisaa jedhame.

87

Ebla 5/2014(TOI) - Labsiin seera Itoophiyaa miidhuuf akkasumas biyyatti sirna faayinaansi Addunyaa keessa baasuuf qophaa’e HR -6600 fi S-3199 akka hin raagganeef yaaliin Diyaaspoora gama hundaan ni brabaachisaa jedhameera.

Miidiyaa 'Push Star' Ameerikaa bulchiinsa Virginia argamutti Gaazeexeesituufi falmituu mirga dhala namaa Beetii Takaste ,labsiin seera kun deeggarsa misoomaafi nageenyaa Itoophiyaan Ameerikaa irra argatus ni dhaaba, akkasumas meeshaalee waraanaa Itiyoophiyaa Ameerikaarra akka hin bitne taasisufi biyyatti sirna Faayinaasi Addunyaa alaa ni taasisas jette.

Deeggarsi misooma dhaabbachuun keessattuu Ummataa pirojektii irra fayyadaman daraan ni miidhas jette.

Qabiyyee labsii seera dhimma Mootummaa deeggaruufi mormuu waliin wal qabata osoo hin taane, birmadummaa biyyaafi Ummataa kan miidhuu waan ta’eef, hawaasni hunduu hubachuu qabas jette, Gaazeexesitu Beetiin.

Kanaafis labsiin seera kun yoo raagga’ee Itiyoophiyaa sirna faayinaasi Addunyaa keessaa kan baasuufi birmadummaa biyyatti irratti dhiibbaa kan fiduu ta’u beekuun, qaamni hunduu tokkummaan mormii isaa dhageessissuu qaba jettetti.

Keessattuu hawaasni diyaaspoora dhugaa biyyatti Addunyaaf hubachiisun mormii labsiicha irratti eegalan cimsaani itti fufuu qabus jechun dhaamsa dabarsiteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015