Yuunivarsiitii Walloo deeggarsa meeshaalee fi maallaqaa birrii miiliyoona 18 argate.

92

Ebla,03/2014(TOI) - Garee shororkeessaa ABUT kan miidhameef samamee Yuunivarsiitiin Walloo deeggarsa meeshaalee fi maallaqaa kan walumaatyi birrii miiliyoona 18 deeggarsa argate.

Deeggarsi kunis Qindeessummaa Yuunivarsiitii Jimmaan yuunivarsiitiwwaan 13 irraa ql kan walitti qabames ta'uu daarektara sab-qunnamtii Yuunivarsiitii Walloo doktar Biraan Asaffaa TOI himaniiru.

Deeggarsa kana keessaa miiliiyoonni 10 meeshaaleen adda addaa kannittiin bitaman yoo ta'uu miiliyoonni 8 immoo maallaqa callaadha jedhameera.

Deeggarsa meeshaalee kanas Yuunivarsiitiin Jimmaa Instiituyitii Tekinolojii Kombolchaatti dabarsee kenneera.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa doktar Jamaal Abbaa Fiixaa akka himanitti, Yuunivarsiitii Walloo deebisanii dhaabuuf yuunivarsiitiwwaan 13 karaa Ministeera Barnootaa ramadaman qindeessuun waliin hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Yuunivarsiitichi marsaa jalqabaan meeshaalee gatiinnisaanii miiliyoona 2 baasu deeggarsa taasiseera.

Marsaa lammaaffattis birrii miiliyoona 8 meeshalee kutaa yaalii fi teessoo kutaa barnootaa deeggarsa taasisuu himaniiru.

Deeggarsa Yuunivarsiitiwwan obbolaan fi Ministeerri Barnootaa taasisaniin Yuunivarsiitiin Walloo hojii baruufi barsiisuutti deebi'uun karaa milkaa'aa ta'e geggeessaa jiraachu pirezidaantiin Yuunivarsiitii Walloo doktar Mangashaa Ayyaaneen himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015