Itoophiyaan dorgommii Shaampiyoonaa Teekwaandoo Afrikaa 2ffaa injifatte.

186

Ebla 03/20149TOI) –Dorgommiin Shaampiyoonaa Teekwaandoo Afrikaa 2ffaan Giddugala Leenjii Barnootaa Ispoortii Raas Haayiluutti guyyoota 2’f gaggeeffama ture xumurame.

Itoophiyaan dorgommii Shaampiyoonaa Teekwaandoo Afrikaa irratti korniyaa lamaaniinu Warqee 24, Meetii 23fi Nahaasa 33 walumagalatti Meedaaliyaa 80 argachuun dorgommicha olaantummaan xumurteetti.

Gosoonni dorgommicha agarsiisa teekwaandoo(Pattern), Wal’aansoo (Isparing)fi (Power test) jedhamaniidha.Seenigaal Warqee 1’ n sadarkaa 2ffaa yoo taatu, Mooozambiik Meedaaliyaa Meetii 2’n sadarkaa 3ffaa baateeti.

Dhiirotaan Ba’imnaat Shuumeefi Abeenizar Makonniin akkasumas dubartootaan Daagim Kiroosifi Hanna Ababaayyoo badhaasa taphattoota Urjii Shaampiyoonnicha (Goldan Giloov) argataniru.

Sirna cufiinsaa dorgommii Shaampiyoonaa Teekwaandoo Afrikaa 2ffaa kanarratti Deetaan Ministira Aadaafi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnat, Pireezidaanti Federeshinii Teekwaandoo Intarnashinaalaa Giraand Maaster Pool Waayiilarinifi hoggansi federeshinicha akkasumas keessummoonni waamichi taasifameef argamaniru.Shaampiyoonaa kanarratti Itiyoophiyaa, Gaambiyaa, Seenigaal, Yuugaandaa, Sooamliyaa, Taanzaaniyaa, Kootidivoor, Moozaambik, Jibuuti, Burundiifi Ziimbaabuween hirmaataniru.

Akka lakkoofa Faranjootaa 2019’ Taanzaniyaa Daareesalaamitti dorgommii Shaampiyoonaa Teekwaandoo Afrikaa jalqabaa gaggeeffamen Itiyoophiyaan Warqee 5, Meetii 2’fi Nahaasa 2 waluumagalatti Meedaaliyaa 9’n fudhachuun mo’achuun ishii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015