Mootummaan rakkoolee jiran hunda karaa qindaa'ee sirreessuuf hojjetaa jira -obbo Haayiluu Addunyaa

126

Ebla 3/2014(TOI) - Mootummaan Naannoo Oromiyaa gamagama karoora kurmaana 3ffaa magaalaa Adaamaatti gaggeessaa ture ilaalchisee hogganaan Biiroo Komunikeshinii MNO obbo Haayiluu Addunyaa miidiyaaleef ibsan kennaniiru.

Gamagama kanaanis ciminootaafi haqinoota jiran adda ba'ee kallattiin yeroo itti aanuu ka'amuu isaa ibsaniiru.

Haaluma kanaan dhimmoonni akka ciminaatti ka'an keessaa hoggansi sadarkaan jiru rakkoolee jiru keessa taa'ee hojiilee fayyadamummaa ummataa mirkaneessan hojjechaa kan ture yoo ta'u, rakkoolee nageenyaa jiran meeshaalee waraanaan qofa osoo hin taane hiikoo siyaasaa kennuun furmaata kennuuf hojjetamaa kan ture ta'uu.

Gama biraanis nageenya ummataa mirkaneessuuf tarkaanfiin olaantummaa seeraa Shanee irratti fudhatamaa ture gaarii ta'uu, Karaa biraa dhimmoonni akka ciminaatti ka'an keessaa hirmaannaan ummataa kallattii hundaan dabalaa jiraachuu, hoggantoonni sadarkaan jiran ummata tajaajiluuf karoora bara kanaa milkeessuuf hojiin hojjetaa turan gaarii ta'uu akka ciminaatti gamagamamuu isaa obbo Haayiluun himaniiru.

Karoora bara kanaa keesaattis dhimmoonni akka hanqinaatti ka'an keessaa, sadarkaa gandaatti mootummaa cimaa ijaaruufi caasaalee jiran cimsuu dadhabuu, rakkoolee nageenyaa jiran bakka hunatti karaa wal fakkaattuun hojjechuurratti amma barbaadame ta'uu dhabuu, sekteroota keessatti qindoominaan hojjechuurratti kan hafu ta'uu, dabalataanis pirojektoonni hojjetamaa jiran tokko tokko kan harkifatan ta'uufi galiin naannoo Oromiyaa amma barbaadame ta'uu dadhabuu kaasaniiru.

Gama biraatiin ji'oottan sadan hafan keessatti kallattiin ka'amee xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qaba jedhame keessaa, sochii diinaa dadhabsiisuufi diina saaxiluu Kana keessattis gurmaa'insa ummata cumsuun barbaachisaa ta'uu, bakka hundatti eegumsa cimsuun seelii diinaa saaxiluufi sochii qaamolee nageenyaa hirmaannaa ummataan cimsuurratti kan hojjetamu ta'uufi ummata ijaaruun nageenya naannoofi biyyaa cimsuu, hojiilee kenna tajaajilaa, pirojektoota eegalaman xumursiisuu, galii naannoo keenyaa dabaluufi dhimmoota akka hanqinaatti ka'an sirreessuuf kallattiin kaa'amuu obbo Haayiluun himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015