Minsteerri Innoveeshiniifi Tekinolojii deeggarsa birrii miiliyoona 5 caaluu Yuunivarsiitii Waldayaaf taasise.

Ebila 1/2014(TOI) - Minsteerri Innoveeshiniifi Tekinolojii deeggarsa hojjetoota ministeerichaa fi dhaabbilee adda addaarra walitti qabee meeshaalee gatiin isaanii birrii miiliyoona 5 caaluu Yuunivarsiitii Waldayaaf taasise.

Meeshaalee deeggarsan yuunivarsiitichaaf kennamanis meeshalee biiroo fi Ektirooniksii ta'uun himameera.

Deeggarsichaas ministirri Innoveeshiniifi Tekinolojii doktar Ballaxee Moollaan itti aanaa Pireezidaantii Yuunivarsiitii Waldayaa doktar Salamoon Asaffaatti dabarsanii kennaniiru.

Yuunivarsiitichi garee shororkeessaa ABUT'n dhaabbilee miidhamaan keessaa tokko ta'uu kan yaadachiisan doktar Ballaxeen gara fuula duraattis deeggarsa barbaachisu taasifamuuf ta'uu himaniiru.

Itti aanaan Pirezidaantii Yuunivarsiitichaa doktar Salamoon Asaffaas deeggarsa Ministeerichi taasiseefif galateeffataniiru.

Ministeerri Innoveeshiniifi Tekinolojii Yuunivarsiitoota fi hawaasa sababa garee shororkeessaa ABUT miidhamanii meeshalee adda addaa birrii miiliyoona 23 baasan walitti qabuun deeggarsa taasisaa jiraachu ragaan ministeerichi TOI erge ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015